Mariin fooramii hawaasa Naannoo fi Qooda Fudhattoota Waliin gaggeeffame.
Inistiitiyuutiin Saayiinsii Fayyaa Yuunivarsiitii Wallaggaa Marii Fooramii Hawaasa Naannoo fi Qooda Fudhattoota Waliin Geggeesse.
Fooramiin kun Eebba Abbootii Gadaattin Kan saaqame yommuu ta'uu,Mariin fooramii hawaasaa Hospitaala Kompireensiivii Ispeeshaalaayizdii Yuunivarsiitii Wallaggaatti PirezedaantiiYuunivarsiitii Wallaggaa Dr.Tesfaayee Lammaa,miseensota boordii,hojjatoota Hospitaalichaa fi bakka bu'oota kutaalee hawaasaa magaalichaa fi qooda fudhattoota garaagaraa hirmaachisee gaggeeffame.
Marii fooramii kana irratti Hoji Geggeessan Inistiitiyuutii Saayiinsii Fayyaa Yuunivarsiitii Wallaggaa kan ta’an Dr, Masarat Ballaxaan Hirmaattotan Baga Nagaan dhuftan jachuun Haasaa baniinsaa taasisaniin ogeessi fayyaa ummata isaa tajaajilu fi Itti qufiinsa maamilaa dabaluu keessatti shoora Ol-aanaa waan qabuuf tajaajila kenninu hundi sadarkaa isaa kan eegatee ta'uu akka qabu fi tajaajila yaalii fayyaa kenninuu raawwii isaa kan barru yaada nuuf kennitan irraa kaanee ciminaaf hanqina keenya hubachuun tajaajila yaalii fayyaa kenninuu daran foyyeessuuf kan gargaaru ta’uu Dubbataniiru.