Leenjicha irratti Hoji Geggeessaa olaanaa Inistitiiyuutti Saayiinsii Fayyaa Yuunivarsiitii Wallaggaa Dr.Masarat Ballaxaa haasaa baniinsaa taasiisuun akka jedhanitti Dhibee Kaanserii harmaa dursanii adda baasuun iccitii fayyinaati jedhan.
Dabalataan Yoo yeroon adda baasuu irratti harkifanne carraan dhukkuba sadarkaa olaanaaf kan nama saaxiluu ta’uu ibsuun yeroo ammaa kanatti dutii sababa dhibee kanaan dhufu haalan dabalaa waan jiruuf hojiin hubannoo uumuu kaansarii harmaa tooftaalee garaa garaan Hawwaasa hubachiisuu akka danda’aamuu ibsaniiru.
Leenjicha irratti I/ADayrikteerri korporeeti tajaajila barnootaa inistiitiyutichaa kan ta’aan Tasfaayee Abarraan ibsa kennaniin Dhukkubbni kaansarii gosaan hedduu ta'anillee akkaataan dhukkubicha itti eegalu walfakkaataadha jedhan kunis yoo nama qabatu,seeloonni qaamaa yoo tokko du'ee tokko bakka bu'aa deemu haala walmadaalaadhaan dhiisee seelii haaraan uumama deemu to'annaa ol garmale baay'ata. Seeliin lakkoofsaan hedduu to'anna dandeetti qaamaan ala ta'etu uumamaa deema jedhan. Haaluma kanaan gara kaansariitti jijjiirama. Kaansariin harmaas haaluma kana hordofuun nama qaba.
Leenjicha qindeessuun leenjii kan kennan Barsiisaa inistitiyuutichaa Addunyaa Olumaa Ayyaanaan Ibsa waa’ee Maalummaa, mallattoolee ,Sababoota fi Yaalii Kaanserii harmaa irratti ibsa kennaniin Kaanseriin harmaa Dubarttoota waaggaa 30 ol ta’aan carraan dhibee kanaaf qabamuu guddaa ta’uu himuun, sababoota Dhibee kanaaf nama saaxilan ibsan irratti Hawwan Umuriin deeman irratti baay'inaan ni mul'ata, Dhalaa/ dubartii ta'uu, Kun sababa isa guddaa ta'uun ni beekama kana malees Dubartoota maatiin isaan kaansarii qaban, dhalli isaani booda dhufu qabamuudhaaf carraan ni jira, Dubartoota otoo hin heerumin(hin da'iin) turan, ( Ulfa jalqabaa umurii 30 olitti yoo dahan yookaandhalan), Akkuma umuriin isaanii otoo hin dahiin dabalaa deemuu, carraan rakkoo kanaan saaxilamuu ni dabala, Raadiyeshiniin/Cararii yaalaaf kennamullee rakkoo kanaaf sababa ta'a, Tamboo xuuxuu fi Alkoolii haga eeyyamamuu ol fayyadamuu fi furdinni qaamaa illee akka sababaatti ni himama.
Kanaaf jedhan mallattoo Kaanserii harmaa kanneen akka Haphina gogaa fi jiguu harmaa, Dhooqinsa ykn gadi dhooqachuu Harmaa,Harmi bifa isaa ni jijjiirama akkasuma ni madaa'a, Fiixee harmaa irraa akka dhangala'aattis ta'ee akka dhiigaatti ni baha, Naannoo fiixee harmaatti googaan irraa ka'uu danda'a kana malees Sararri dhiigaa furdachuu fi booda irra dhukkubbiin illee itti dhagahamuu fi Dhiita harma keessaa,Halluun gogaa harmaa jijjiramuu fi kanneen kana fakkaatan yeroo argamaniitti yaaliif Gara mana yaalaa deemuun ogeessa Fayyaa mariisiisuu akka qaban dubbatniiru.
Dabalataan Akkamin of eeggachuun danda'ama jedhu irratti ibsa kennaniin
Akka qoraannoon ibsuti parsantii 30-50 du'a kaansari harmaan dhufuu ittisuun ni danda'ama. Kunis Durbartootni tooftaalee mana isaaniitti harma ofii isaani qaqqabanii ilaalu ( Breast self examination) kana malees Alkoolii dhuguu dhiisuu, sochii Qaamaa hojjechuu, dafanii mucaa jalqabaa godhachuun Rakkoolee nama saaxilan irraa of eeguun Dhibee Kaanserii hir'isuun ni danda'ama.
Dabalataan Leenjii kana irratti Barsiisoni fi Ogeessooni olaanoo institiyuutichaa mata duree garaa garaa irratti ibsa kennaniiru.
Xumura leenji kana irratti Hirmaattootni leenjichaa akka jedhanitti hubannoo leenjii kana irraa argataniin Hawwaasa keessaa dhufaniif hubannoo dabalataa akka qoodan dubbatniiru.